Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Mootummaan Wayyaanee, yeroo lammaffaaf Baha Wallaggaa keessatti Oromoo fi Gumuziin wal lolchiisuuf shira olaanaa shiraa jiraachuun gabaafame.

(Madda Oromoo ABO/MOA/Bitootessa 16,2009) MOA Dhiha Oromiyaa irraa akka gabaasanitti ummatoota qoqqoodee bituu fi wal dura dhaabuun mootummaa isaa kan tikfataa jiru sirni gabroomfattuu wayyaanee, Baha Wallaggaa keessatti yeroo lammaffaaf Gumuzootni akka Oromoo irratti duulaniif ijaaree qawwee hidhachiisuun bobbaasaa jira.

Akka gabaasa maddeen keenyaatti Gumuzootni 400 ol ta’an meeshaa waraanaa baranee wayyaaneen hidhachiifaman qophii lolaa xumuratanii  Ona Limmuu Galiilaa keessatti Oromoota nagaa irratti tarkaanfii fudhachuu eegalanii jiru.

Haaluma kanaan Bitootessa 11,2009 guyyaa Roobii irra humni Gumuzootaa 400 gadi hin taane hidhannoon socho’an Ona Limmuu Galiilaa ganda Lalisaa Sugee jedhamu seenanii ummata nagaa irratti dhukaasa jabaa banuun miidhaa akka geessisan barameera.

Jiraattota ganda kanaa kan ta’an lammiiwwan Oromoo

  1. Obbo Garramuu Ayyaanaa
  2. Obbo Damusoo Waaqjiraa

     

  3. Obbo Jaalataa Buraayyuu

Kanneen jedhaman hidhattoota kanaan butamanii fudhatamuun haga ammaa eessa akka buufaman hin maramin akka jiru oduun nu ga’e dabalee addeessa.

Miidhama jiru  hambisuu fi xiqqeessuuf sabboontotni Oromoo dhaamsa dabarsaniin, Oromootni naannoo Baha Wallaggaa of eeggannoo guddaa ofiif gochuun dammaqinaan akka socho’an, waliifis akka dirmatanii fi odeeffannoo daddaffiin waliif dabarsanii akka wal baraaran dhaamsa dabarsaniiru. Kana malees, namootni meeshaa qaban isa meeshaa hin qabne akka ittisan, ollaan meeshaa hin qabnes bakka ittisa qabutti socho’ee akka of oolchu jechuun dhaaman.

Hidhattootni Gumuz wayyaanee diina Oromoo taateen sobamanii ummata Oromoo irrattis duulanis sirnichi kan kufuu fi jijjiiramu, kan walitti hafu ummatoota ta’uu hubatanii, lola hin feesifne akka Oromoo irratti hin banne, rakkoon yo jiraate jaarsummaan akka furamu sabboontotni Oromoo kun dhaamsa dabarsaniiru.

Hawaasi Oromoo addunyaa irra jirus rakkoo fi balaa dhalatee fi dhalachuuf deemu kanaaf mootummaa wayyaanee gaafatamaa taasisuun akka haawaasa addunyaatti iyyatu, balaa hamaan akka hin dhalatneef dursee sagalee isaa akka dhageessisu iyyatanii jiru.

Bara 2008 keessa Gumuzoota Wayyaaneen Oromoo irratti duulchifamaniin lammiiwwan Oromoo 400 ol kan ajjeefaman oggaa ta’u, kanneen 12,000 ol ta’an ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’uun ni yaadatama.

********* 

Waraanni faashitii Wayyaanee Godina Harargee dhihaa Ona Bookee keessatti qotatee bulaa Oromoo )bbo Mahaammad Aliyyii jedhaman rasaasaan ajjeesan.

(Madda Oromoo ABO/MOA/Bitootessa 16,2009) MOA akka ifa godhutti, Baha Oromiyaa keessatti maqaa WBO nyaachiftu jedhuun waraanni faashistii wayyaanee bobba’ee ummata hiraarsaa jiru guyyaa 4n dura Ona Bookee bakka Dhommisaa jedhamutti badii tokkoon maleetti Oromoo ta’uu isaa qofaan yakkanii qotatee bulaa Mahaammad Aliyyii jedhamu rasaasaan tumanii ajjeesan.

Ilmaan Oromoo lama kan namni Sulxaan jedhamu keessatti argamus waraanuma wayyaaneen ukkaamfamanii haga ammaa bakki buufaman hin baramin jiraachuunis gabaafameera. Ona Ciroo bakka Bosoqa jedham irraas namni Umar Huseen jedhamu humnoota tikaa wayyaaneen ukkaamfamee fudhatamuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Magaalaa Ciroo keessaas namootni baay’een bal’eessaa tokko malee hidhattoota wayyaaneen qabamanii mana hidhaatti guuramaa jiran. Abaadir Hamzaa kan jedhamu namoota hidhaatti darbaman keessatti argama.

Yeroo Harargee dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti duulli hidhaa, ajjechaanii fi hiraarri ummataa fi barattoota irra ga’aa jiru daangaa darbuun gabaafamaa jira.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net